Finfinnee, Mudde 21, 2018 (FMC) – Hojiiwwan fooyya’iinsaa fayyadamummaa qonnaan bultoota buna oomishanii mirkaneessan hojjetamaa jiru jedhan Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa.
Gareen ministirichaan durfamu Naannoo Sidaamaatti argamuun sochii misooma bunaa daawwateera.
Obbo Addisuun wayituma kana akka dubbatanitti, bara bajetaa kanatti buna toonii kuma 600 gabaa alaaf dhiyeessuun doolaara Ameerikaa biliyoona 3 ol argachuuf karoorfameera.
Bunni qonnaan bulaa fi waldaalee hojii gamtaan misoomaa jiru karooricha milkeessuu akka danda’u eeranii, misoomni bunaa naannoo Sidaamaatti misoomaa jiru ammoo agarsiistuu ta’uu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni buna oomishan akka fayyadamaniif fooyya’iinsi adda addaa hojiirra oolaa jiraachuu ibsanii, akka fakkeenyaattis qonnaan bultoonni kallattiin buna gara biyya alaatti akka ergan haalli mijataan uumamuu dubbataniiru.
Hubannoon qonnaan bultootaa ispeeshaaliitii bunaa irratti guddachuu fi hojimaanni salphaatti eeyyama ittiin argatan diriiruu ibsaniiru.
Buna dhandhama addaa gabaa addunyaaf kan dhiyeessitu Itiyoophiyaan akkaataa maluufiin akka fayyadamtuuf hojiiwwan dabalataas akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa Naannoo Sidaamaa Mammiruu Mokkee gama isaaniin, oomishtummaa bunaa naannichaa guddisuuf qonnaan bultoota kilaasteraan gurmeessuun gamtaan akka hojjetan ta’aa jira jedhan.
Xilaahun Yilmaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia