Fayyadamummaan waloo Xaaliyaanii – Afrikaa jabaatee itti fufa – Joorjiyaa Meloonii

Finfinnee Guraandhala 6, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meloonii, tumsi fayyadamummaa waloo irratti hundaa’e biyyi isaanii Afrikaa waliin qabdu cimee itti fufa jedhan.

Yaa’iin Xaaliyaanii-Afrikaa 2ffaan Giddugala Konveenshinii idil addinyaa Addisitti geggeeffamuu eegaleera.

Yaa’icha irratti Ministira Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad fi Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meloonii dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa adda addaa aragamaniiru.

Joorjiyaa Meeloonii wayita kana akka jedhanitti, Xaaliyaanii fi Afrikaan galmoota waloo milkeessuuf inarjiin, barnootaa fi leenjiin, fayyaan, misoomawwan bu’uuraa dijiitaalaa fi dameewwan biroon tumsaan hojjetaa jiru.

Humna haareffamaan, ce’umsa misooma magariisaan, wabii nyaataa fi dameewwan biroon tumsaan hojjechuun cimee akka itti fufu ibsanii, Afrikaatti bu’uuraalee misooma dijiitaalaa babal’isuun Afrikaa addunyaan walitti hidhuuf Xaaliyaan ni hojjetti jedhan.

Misooma indaastirii fi hirmaannaa damee dhuunfaan hojjetamaa akka jiruu fi carraa hojii uumuuf xiyyeeffannoon akka kennames kaasaniiru.

Keessumaa dargaggoonni ardii isaaniitti carraan hojii uumameefii godaansa hambisuuf hojjetamuu akka qabus hubachiisan.

Karoorri ‘MATI’ fayyadamummaa uummata Afrikaa kan mirkaneessu ta’uus dubbataniiru.

Yoonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment