Federeeshinichi imaammata eegumsa waliigalaa Atileetotaa hojiirra oolchuuf

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017 – Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa miidhaa irra deddeebiin atileetotarratti raawwatamu ittisuuf “imaammata Eeguimsa Waliigalaa Atileetotaa” hojiirra oolchuuf xiyyeeffannaan hojjechaan jira jedhe.

Atileetiksiin idil addunyaa seera eegumsa atileetotaa labsu bara 2023 irraa eegalee hojiirra akka ooluuf murteessuun isaa ni yaadatama.

Pirezidaantiin Federeeshinichaa Komaandar Silashii Sihiin, Atileet Galatee Burqaatu gara miidiyaatti asi ba’ee rakkoo irra ga’e dubbate malee, atileetonni biyya isaaniif aarsaa kaffalaa rakkoo keessa jiran danuu dha jedhe.

Rakkoon akkanaa ammo atileetota dubaraa caalaa dhiirota irratti akka baay’atu kaaseera.

Seerri hojiirra ooluuf jiru kun dhiibbaa fi miidhaa atileetota irra ga’u ittisuun walqixxummaa atileetotaa mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatuu dha.

Itiyoophiyaa keessattis rakkinichi yeroo irraa yerootti guddachaa dhufuu naaf beekaa kan jedhe Federeeshinichi, rakkoon Atileet Galatee irra ga’e agarsiistuu tokko ta’uu ibseera.

Baha Afrikaatti midhaawwan keessumaa atileetoota dubartootaa irratti raawwataman yaaddessaa ta’uu Federeeshinichi ibsa kenneen hubachiiseera.

Comments (0)
Add Comment