Federeeshiniin Dubartootaa Itiyoophiyaa ajandaa walitti qabe Komishinichaaf dhiyeesse

Finfinnee, Ebla 29, 2017 (FMC) –Federeeshiniin Dubartootaa Itiyoophiyaa ajandaa galtee marii biyyaalessaaf ta’u Komishinii Maree Biyyaalessaaf dhiyeesseera.

Komishinarri Olanaa Komishinichaa Piroofesar Masfiin Ar’ayaan Ajandichaa Pireezidaantii Federeeshinii Dubartootaa Itiyoophiyaa Aadde Askaalaa Lammaarraa fudhaniiru.

Ajandaaleen kunneen naannoolee hundaa fi bulchiinsa magaalootaarra kan walitti qabaman dhimmoota ijoo biyyaalessaa fi fayyadamummaa dubartootaarratti kan xiyyeeffate ta’uu Aadde Askaalaan ibsaniiru.

Milkaa’ina marii biyyaalessaa keessatti ga’ee isaa bahachaa kan ture Federeeshiniin Dubartootaa Itiyoophiyaa fuulduraattis misooma, nageenyaa fi diimokiraasii mirkaneessuuf ga’ee isaa kan bahatu ta’uu himaniiru.

Piroofesar Masfiin Ar’ayaan gamasaaniin,komishinichi Itiyoophiyaatti ajandaalee bu’uuraa fi biyyaalessaa sababoota garaagarummaa yaadaa fi waliigaltee dhabuun mul’atan adda baasuun ajandaa marii bocuun mariin akka irratti taasifamuuf hojjechaa jira jedhan.

Haaluma kanaan dhimmoota garaagarummaan irratti mul’aterratti waliigaltee waloo uumuuf hojjechaa jiraachuu himuu TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment