Finfinnee, Adoolessa 28, 2017 (FMC) – Federeeshiniin Kaaraatee Itiyoophiyaafi Federeeshiniin Kaaraatee Afrikaa Kibbaa waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Pireezidaantiin Federeeshinii Kaaraatee Itiyoophiyaa Muluneeh Goosaayee wayita kana akka jedhanitti, waliigaltichi ogeeyyiin ispoortii kaaraatee Itiyoophiyaa leenjii ogummaa akka argataniif gahee olaanaa qaba.
Itiyoophiyaan dorgommiiwwan kaaraatee Afrikaa Kibbaatti gaggeeffaman irratti akka hirmaattuufi dorgommiiwwan gurguddoo akka qopheessituuf kan gargaaru ta’uus ibsaniiru.
Pireezidaantii Itti aanaa Federeeshinii Kaaraatee Addunyaafi Pireezidaantiin Federeeshinii Kaaraatee Afrikaa Kibbaa Soonii Pileey gamasaaniin, Itiyoophiyaan ispoortii kanarratti xiyyeeffannoon akka hojjettuuf ni deeggarra jedhan.
Daani’eel Indaaleetu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo. www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: Afaan Oromo
fanaTiktokhttps://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.