Feestivaalli Ispoortii dhaabbilee barnoota olaanoo 49 hirmachise Jimmaatti gaggefamu eegalame

Finfinnee, Amajjii 17, 2018 (FMC) – Feestivaalli Ispoortii dhaabbilee barnoota olaanoo 49 hirmachise Magaalaa Jimmaatti gaggefamuu eegaleera.

Ispoortiin guddina waliigalaa biyya tokkoo keessatti qooda guddaa qaba jedhan Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Makiyuu Mahaammad.

Feestivalli Ispoortii Dhaabbilee barnoota olaanootti taasifamuun isaa ispoorteessitoonni beekumsa, muuxannoo fi aadaa wal jijjiiruu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan.

Dhaabbileen barnoota olaanoo, barnoota idilee kennu bira darbee, dhaloota fayya qabeessa horachuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa DooktarJamaal Abbaa Fiixaan gama isaaniin, Feestivaalli Ispoortii dhaabbilee barnoota olaanoo Amajjii 17 irraa jalqabee guyyoota 15 ‘f Yuunivarsiitii Jimmaatti gaggeeffamu jalqabu isaa dubbatan.

Feestivaala Ispoortii kana irratti Yuunivarsiitiiwwan 49, gosoota Ispoortii 15’n ispoorteesitootni kumni 7 fi 500 ol irratti ni hirmaatu jedhan.

Sagantaan kun Jimmaatti gaggeeffamuun isaa faayidaa siyaas-dinagdee fi hawaasummaa guddaa akka qabu eeran.

Dorgomicha doggora irra bilisaa gochuuf teeknoolojiin akka deeggaramu qophiin taasifamuu ibsan.

Pireezidantiin Waldaa Ispoortii Yuunivarsiitiwwan Itiyoophiyaa obbo Abaay Balaay Ispoortiin meeshaa obbolummaan ittiin ijaaramuu fi mallattoo qaroominaati jedhan.

Tasfahuun Kabbadaa fi Werqaferaw Yalewutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment