Finfinnee, Ebla 27, 2017 (FMC) –Fe’umsi alaa Itiyoophiyaa bara kana % 14 guddachuu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii ibse.
Kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Fe’umsi alaa Itiyoophiyaa bara kana % 14 guddachuu Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dhengee Boruun ibsaniiru.
Fe’umsa alaa fi galii caalmaatti guddisuuf hojiilee hedduun hojjetamuu eeruun, damee Loojistiksiin bu’aa jajjabeessan galmaa’uu dubbataniiru.
Baatii tokko keessatti Bunni Tooniin kumni 40 ol Konteeyinaraan geejjibsiifamaa jiraachuu himaniiru.
Horii gaanfaa dabalatee Kudaraalee fi Fuduraaleen Baaburaan gara alaatti geejjibsiifamaa akka jiru dubbataniiru.
Fe’umsi alaa galuu fi alatti bahu %13 Baaburaan geejjibsiifamuu kaasaniiru.
Yeroo itti aanu caalmaatti guddisuuf hojiileen riifoormii hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia#Ethiopia