Finfinnee, Bitootessa 6, 2018 (FMC) – Fichee Caambalaalaan ayyaana jibbiinsi fi gadoon dhiifame nageenyi itti labsamuudha jedhan Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyawu Tashaagar.
Ayyaanni jijjiiraa bara haaraa Saba Sidaamaa Fichee Caambalaalaan Magaalaa Hawaasaatti Sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.
Saganticharratti argamuun haasawa kan taasisan Afyaa’ii Aganyawu Tashaagar, Fichee Caambalaalaan Afaan, Aadaa fi akkaataa jiruuf jireenya ummata Sidaamaa barootaaf kunuunse tursiise addunyaaf dabarseedha jedhan.
Fichee Caambalaalaan walooma, nageenyaa fi dhiifama barsiisaa jijjiiraa baraa ummata Sidaamaa ta’uun waggoottan kuma kan ce’ee fi Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbata Saayinsii, Barnootaa fi Aadaatti kan galma’e Ayyaana Addabaabaayii guddicha ta’uu eeraniiru.
Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddammoon gamasaaniin, Caambalaalaan namoota gidduutti dhiifama, waldanda’uu fi waloomni kan itti guddatu ayyaana jaalalaa fi waliif yaaduuti jedhan.
Sidaamaan ummata beekumsa, aadaa fi ogummaa mataa isaa kan yeroo, waqtii, bara ofii ibsu qabaachuu eeruun, beekumsi fi ogummaan aadaa kun dhalootaa dhalootatti darbaa jira jedhaniiru.
Xilaahuun Yilmaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.