Finfinnee, Sadaasa 8, 2018 (FMC) – Fiigicha daandirraa dhuma torbee kanaa biyyoota adda addaatti fiiggamaniin Atileetootni Itiyoophiyaa injifatan.
Fiigicha Maaraatoonii Chaayinaa Naanjiingitti dorgomame Atileet Mastaawat Fiqiruun sadarkaa 1ffaan xumurte.
Atileet Mastaawaat fageenyicha sa’aatii 2:24.10’n xumuruun injifatte.
Atileet Kumashii Sicaalaan ammoo sa’aatii 2:24.12’n xumuruun 2ffaa fi Atileet Anchaaleem Hayimanoot 2:24.43’n xumuruun 3ffaa bahaniiru.
Dorgommii Atileetoota dhiiraa gidduutti gaggeeffameen ammoo Atileet Birhaane Tsaggaay sa’aatii 2:13:00’n xumuruun 3ffaa baheera.
Fiigicha meetira kuma 15 dubartoota gidduutti Neezarlaanditti dorgomameen Atileet Asmaarech Annilayi daqiiqaa 47:05’n xumuruun yoo injifattu, Atileet Ayina addis Mabraatuun daqiiqaa 47:09’n xumuruun 3ffaa baate.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.