Finfinnee, Fulbaana 8, 2018 (FMC) – Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaan fiigicha gulaallii meetira 800 dubartoota gidduutti fiigameen atileeti Tsiggee Dhugumaa fi Warqinash Massaleen walakkaa xumuraaf darbaniiru.
Atileet Nigisti Getaachoon ammoo osoo hin darbin hafte.
Dorgommii hanga ammaatti dorgomameen Itiyoophiyaan Meedaaliyaa Meetii 2 fi Nahaasii 2n addunyaarraa sadarkaa 14ffaarratti argamti.