Fiigicha Kiiloomeetira 12’n Boqojjiitti fiigame Atileet Masarat Xaafaa fi Siyyuum Dirribaan injifatan

Finfinnee, Caamsaa 17, 2017 (FMC) – Fiigicha Kiiloomeetira 12’n Itiyoophiyaa haa barruu 4ffaa har’a magaalaa Boqojjiitti fiigame Atileet Masarat Xaafaa fi Siyyuum Dirribaan injifataniiru.

Ministira MinisteeraTuurizimii Salamaawiit Kaasaa fi hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon saganticharratti argamaniiru.

Dorgommichi Ministeera Tuurizimii fi Fiigicha Guddaa Itiyoophiyaan kan qindaa’e ta’uun ibsameera.

Dorgommimi Dhiirootan Atileet Siyyuum Dirribaa 1ffaan, Aman Qaaqqii 2ffaa akkasumas Nagaasaa Dhaqabaa 3ffaan xumuraniiru.

Shamarraniin Atileet Masarat Xaafaa 1ffaa, Dirribee Taac’alii fi Warqee Abajjaan sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

Warqinaa Gashaahuntu gabaase.

Comments (0)
Add Comment