Filannoo bara kanaa diimookiraatawaa qofa osoo hin taane sagaleewwan garaagaraa akka dhagahamaniif ni hojjenna – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2018(FMC)- Filannoo bara kanaa diimookiraatawaa qofa osoo hin taane sagaleewwan garaagaraa akka dhagahamaniif ni hojjenna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Filannoon yeroo isaa eegee kan gaggeeffamu ta’uu eeruun, filannoo gaggeessuuf mootummaan dandeettii gahaa qabaachuu dubbataniiru.

Filannoon biyyaalessaa marsaa jahaffaan filannoowwan isa dura turanirra fooyyee qabachuu kaasanii filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaan ammoo isarra fooyya’aa akka ta’u ibsan.

Filannoon bara kanaa diimookiraatawaa qofa osoo hin taane sagaleewwan garaagaraa akka dhagahamaniif ni hojjennas jedhaniiru.

Marii Biyyaalessaa ilaalchisee hojiin ajandaa walitti qabuu hojjetamuu kaasanii, qamoleen mariin ni barbaachisa jedhan mari’achuufi mariin hin barbaachisu kanneen jedhan ammoo hin mari’atiin hafuu ibsan.

Mariin Biyyaalessaa baayyee barbaachisaa ta’uu kaasanii, yaadonni gaggaariin irraa argamuus eeran.

Marichi filannoo waliin hidhata kan hin qabne ta’uufi sirna filannoo irratti dhiibbaa kan hin qabaanne ta’uu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment