Filannoo biyyaalessaa 7ffaa keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf hojjetamaa jira – Paartii Badhaadhinaa

Finfinnee, Amajjii 4, 2018 (FMC) – Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa keessatti hirmaannaa dubartootaa caalmaatti guddisuuf hojjetamaa jira jedhe Paartiin Badhaadhinaa.

Manni Maree Koochoo Dubartoota Paartii Badhaadhinaa raawwii hojii baatiwwan jahan darbanii gamaaggamaa jira.

Paartichi filannoo yeroo itti aanu gaggeeffamu keessatti hirmaannaa dubartootaa caalmaatti guddisuuf hojjetaa jira jedhan Itti Aantuu Pireezidaantiin Koochoo dubartoota Paartii Badhaadhinaa Maskaram Abbabaan.

Akkasuma Amajjii 12 , 2018 hanga Guraadhala 12, 2018tti sosochiin mata duree ‘Itiyoophiyaa hirmaannaa dubartootaan cichoomte’ jedhuun ni gaggeeffama jedhan.

Sosochichis hirmaannaa gama diinagdee, Hawaasummaa fi siyaasaa dubartootaa guddisuuf qooda olaanaa qabaachuu kaasan.

Qiddisti Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment