Finfinnee, Adoolessa 4, 2017 (FMC) –Filannoon dhufu aadaa tumsaa fi morkiin akka dagaagu xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhan Waajjira Paartii Badhaadhinaatti Itti Gaafatamaan Damee Ijaarsaa obbo Fiqaaduu Tasammaan.
Itti Gaafatamtoonni damee ijaarsaa Paartichaa bakka argamanitti Waltajjiin Gamaaggamaa guyyoota 2’f magaalaa Goondaritti gaggeeffamaa ture kallattii kaa’uun xumurameera.
Paartiin Badhaadhinaa milkaa’ina filannoo dhufuuf gumaacha irraa eegamu ni taasisa jedhan obbo Fiqaaduun.
Miseensoonni paartichaa dambii namuusaa qopheessuun aadaan tumsaa fi falmii diimookiraasii caalmaatti akka cimu akka hojjetan hubachiisan.
Bu’aawwan damee nageenyaa, bulchiinsa gaarii fi misooma gurmaa’iinsaan galmaa’an itti fufsiisuuf hojjechuu qabu jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.