Finfinnee, Guraandhala 26, 2018(FMC) – Filannoon Waliigalaa torbaffaan milkaa’inaan akka xumuramuuf mootummaaan deggersa barbaachisu hunda ni kenna jedhan Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasee Caafoo.
Mata duree ”Bu’aa dhaabbilee diimokiraasii fi haqaa, ijaarsa mootummaa milkaa’aaf” jedhuun waltajjiin qindoomina dhaabbilee diimokiraasii fi haqaa irratti xiyyeeffate Finfinneetti geggeeffameera.
Obbo Taaggasee Caafoo wayita kana akka dubbatanitti, tarkaanfileen jijjiirama bu’uuraa Boordii Filannoo Biyyaalessaa keessatti hojiirra oolan sirna diimokiraasii biyyattii gara sadarkaa caaluutti kan ceesisanii dha.
Manni Marichaa labsii galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo fooyyessuun Boordichi giddu seentummaa qaama kamiinuu alatti walabummaan akka hojjetu haalli miijataan uumamuu ibsaniiru.
Dhaabbatichi humna namaa fi loojistiksiin akka ijaaramuuf mootummaan ga’ee olaanaa taphachuu eeranii, filannichi bilisa, haqa qabeessaa fi diimokiraatawaa ta’ee akka raawwatamuuf haalli miijataan uumamuu dubbataniiru.
Hojiiwwan jijjiiramaa boordicha keessatti hojiirra oolan al-loogummaa mirkaneessuun ijaarsa sirna diimokiraasiif ga’ee murteessaa gumaacheera jedhan.
Filannoon waliigalaa 7ffaan bilisa, diimokiraatawaa fi tekinooloojiin kan deggerame akka ta’uuf haalonni miijatoo hedduun uumamaniiru jechuu isaaniiss ENA’n gabaaseera.
Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Haayiluu gama isaaniin, ce’umsi boordichi gara dijiitaalaatt gochaa jiru amanamummaa filannichaa guddisuu akka kaayyeffate dubbataniiru.
Adeemsi filannichaas bilisa, haqa qabeessaa fi hammataa akka ta’uuf itti fayyadama tekinooloojii guddisuun fi hirmaannaan qooda fudhattoota hundaa murteessaa ta’uu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia