Finfinnee, Hagayya 8, 2017 (FMC)- Filannoon Majliisa Biyyaalessaa boru eegala jedhe Boordiin Raawwachiistuu Filannoo Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa.
Walitti Qaban Boordii Filannichaa Dooktar Abdulaaziiz Ibraahim ibsa kennaniin, Filannoo Majliisa Biyyaalessaaf galmeen filattootaa fi hojiileen filannoon duraa hojjetamuun xumuramuu himaniiru.
Wayita ammaa qophii boqonnaa filannoo xumuramuun gara filannootti ce’ameera jedhan.
Haaluma kanaan filannichi boru Hagayya 9 -11, 2017 kan gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru.
Guyyaa Boruus Filannoon Ulaamotaa kan gaggeeffamu yoo ta’u, Haggaya 10-11, 2017 tti immoo Hayyoonni, Dargaggoonni, Dubartoonni fi kutaaleen hawaasa bakka bu’aan sagalee isaaanii ni kennu jedhan.
Filannicha hirmaachiisaa fi haqa qabeessa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu eeruun, filattoonni miiliyoona 13. 1 galmaa’uu kaasaniiru.
Hawaasni Musliimaa waggoottan shanan dhufaniif bakka na bu’u jedhanii kan itti amanan Masjiidatti argamuun sagalee isaanii akka kennan waamichi dhiyaateera.
Jamaal Ahimaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.