Filmaatawwan hundaan birmadummaa fayyaa Afrikaa mirkaneessuun barbaachisaadha- Mahaammud Alii Yusuuf

Finfinnee, Hagayya 19, 2018 (FMC)- Filmaatawwan hundaan birmadummaa fayyaa Afrikaa mirkaneessuun barbaachisaadha jedhan Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf.

Yaa’iin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Naannawaa Afrikaa 76ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Mahaammud Alii Yusuuf haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, biyyoonni Afrikaa dandeettii waliingahiinsa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf isaan dandeessisu ijaaruu qabu jedhaniiru.

Sirna fayyaa Afrikaa bu’uura amansiisaa irratti ijaaruuf dandeettii faayinaansii guddisuun dandeettiiwwan qorannoofi kalaqaa cimsuun akka barbaachisus kaasaniiru.

Yaa’ichi bara kana waliinga’iinsa tajaajila fayyaa fooyyessuufi bishaaniifi eegumsa qulqullinaa irratti akka xiyyeeffate ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Komishiniin Gamtaa Afrikaa sirna fayyaa ardichaa fooyyessuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment