Finfinneen hojiilee misomaa magaalaa Dippiloomaasii Idil addunyaa ta’uu ishee madaalan hojjechaa jirti – Mahaammad Alii Yuusuuf

Finfinnee, Caamsaa 19, 2017 (FMC) –Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yuusuuf Kantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee waliin mari’atan.

Magaalaa Finfinnee miidhagduu fi hawwattuu taasisuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu aadde Adaanech wayita kana ibsaniiru.

Keessattuu hojiileen misooma Koriidarii magaalichaatti hojjetaman magaalattiin guddigala Konfiraansii filatamtuu akka taatu godheera jedhan.

Finfinneen ugaalaa magaalaa ammaayyaa sadarkaa Idil Addunyaa akka guuttuu fi jiraattoota isheef mijattuu akka taatu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Finfinneen guddina saffisaa magaalota Afrikaa biroof fakeenyaa guddaa ta’u galmeessaa jiraachuu Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yuusuuf himaniiru.

Hojiileen misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjetaman magaalaa Dippiloomaasii Idil addunyaa ta’uu isheen kan madaalaniidha jedhan.

Guddinni Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti agarsiifte daran kan dinqisiifamu ta’uu dubbataniiru.

Mahaammad Alii Yuusuuf Finfinneen hariiroo magaaloota biyyoota Afrikaa biroo waliin qabdu caalmaatti cimsuuf tumsaan kan hojjetan ta’uu mirkaneesssuu Waajjirri Kaantibaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment