Finfinnee, Bitootessa 16, 2018 (FMC)- Finfinneen jireenya magaalummaa Afrikaa ammayyeessuu keessatti ashaaraa kaa’aa jirti jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Fooramiin jalqabaa Itiyoo- Xaaliyaanii damee Ijaarsaa, bu’uuraalee misoomaa fi ijaarsa Magaalaarratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Fooramichi michummaa misoomaa fi invastimantii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaaniin qaban caalmaatti kan guddisu ta’uun ibsameera.
Kantiibaa Adaanech fooramicharratti haasawa taasisaniin, tumsa hundagaleessaa biyyoota lameenii ture bu’uuraalee misooma magaalootaa fi deebisanii ijaaruun itti fufsisuun barbaachiisaadha jedhan.
Magaalaan Finfinnee jireenya magaalummaa Afrikaa ammayyeessuu keessatti Ashaaraa kaa’aa jirti jechuun ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen gamasaaniin, tumsi diinagdee naannawaa tasgabbawaan akka uumamuuf biyyoonni naannawichaa misoomaa fi nageenyarratti waloon akka hojjetaniif Itiyoophiyaan fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan Xaaliyaaniin misooma magaalaa fi deebisaanii ijaaruun deeggarsa taasisaa jirtu cimsitee akka itti fuftu gaafataniiru.
Finfinneen imala guddinaa olaanaarra jirti kan jedhan Ministirichi, Xaaliyaaniin bu’uuraalee misoomaa fi jiruufi jireenya ummata magaalaa fooyyeessurratti muuxannoo ishee akka qooddu amantaa qabaachuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Xaaliyaanii Saam Faabriz wayita kanatti , Finfinneen wayita ammaa magaaloota addunyarraa guddina saffisaa olaanaan guddataa jiran keessaa ishee tokko jedhan.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Xaaliyaanii Maariyaa Tiriipoodii gamasaaniin, tumsi gama maraa biyyoota lameenii akka itti fufuufi tattaaffii bu’uuraalee misoomaa cimsuuf taasifamu kan deeggaran ta’uu himaniiru.
Biyyoonni lameen hariiroo qaban caalmaatti cimsuuf bu’uuraalee misoomaa fi damee Pirojeektoota Meeggaan hojjechuuf fedhii qabaachuu fooramicharratti kaasaniiru.
Ashabbir Kaasaahuuntu gabaase.