Finfinnee, Guraandhala 28, 2018 (FMC) – Finfinneen Yaa’ii jalqabaa dhiibbaa uumtoota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa keessummeessuufi.
Yaa’ichi bara Faranjootaa Caamsaa 7- 8, 2026 Magaalaa Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffama.
Sagaleen dhiibbaa uumtoota Afrikaa Dhaabbilee miidiyaa, Imaammata baaftootaa fi hoggantoota damee dhuunfaa walitti kan fidu ta’uu yaa’icha waloon kan qopheessaan ‘PoA’ miidiyaan Afrikaa fi Interpiraayiziin AGA Tech ibsa kennaniin himaniiru.
Sagantichi mata duree ‘dhiibbaa Afrikaa fooyyeftuuf’ jedhuun hirmaannaa kalaqa diijitaalaa, Teeknooloojii fi ittigaafatamummaarrtti kan mari’atu waltajjii murteessaa ta’uutu ibsame.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.