Finfinnee, Mudde 3, 2018 (FMC) _ Finfinneen yaa’iwwan idil-addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun magaalaa filatamtuu taateetti jedhan Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 Finfinneetti gaggeeffamu ilaalchisee mariin qaamolee qooda fudhattootaa waliin taasifameera.
Aadde Adaanech wayita kanatti haasawaa taasisaniin, Magaalaan Finfinnee bara darbe konfiraansiiwwan idil addunyaa garaagaraa 150 milkaa’inaan gaggeessuun magaalaa filatamtuu ta’uu ishee mirkaneessiteetti jedhan.
Bara kanas hanga ammaatti konfiraansiwwani fi sagantaaleen garaagaraa 105 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu Aadde Adaanech eeraniiru.
Yaa’ii COP32 caalmaatti milkeessuuf Abbootii qabeenyaa fi hawaasa daldalaa waliin marii bu’a qabeessa taasisuu ibsaniiru.
Yaa’iwwan kanaan dura gaggeeffamaniif tumsi damichaa turuu yaadachiisuun, yaa’iwwan fuulduratti gaggeeffamaniif koree waloo hundeessuun qoodinsi hojii taasifamuu hubachiisaniiru.
Fuuldurattis hojiilee haalduree gamaaggamuun yaa’ii yeroo kamuu caalaa milka’aa ta’ee qopheessuuf qindoominaan ni hojjetamaa jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.