Finfinnee, Hagayya 28, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti Egzibiishinii fi Baazaariin Daldalaa Giddugalawwan Gabaa Magaalichaatti baname.
Egzibiishinii fi Baazaarichi bakka Kantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee fi Kantibaa Itti Aanaa obbo Zhaanxiraar Abbay, akkasuma hoggantoonni biroo argamanitti banameera.
Giddugalawwan kanneenitti galteewwan kabaja ayyaanota dhufaniif oolaan bal’inaan dhiyaachuu ibsame.
Egzibiishinii fi Baazaariin banaman kunneen Shamattootaa fi oomishtoota kallattiin walitti fiduun qaala’iinsa gatii ayyaanota waggaa sababeeffachuun madachuu malan ittisuu keessatti shoora olaanaa qabu jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Egzibiishinii fi Baazaarii Daldalaa amma banaman dabalataan yeroo itti aanu kutaalee magaalichaa hunda keessatti kanneen biroos ni banamu jedhan.
Oomishaaleen giddugaloota kanneenitti argaman gatii madaallawaan kan dhiyaatan ta’uu eeran.
Qiddist Abaataatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.