Finfinnee, Adoolessa 18, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti saaxilamummaa balaa lolaa ittisuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jira jedhe Abbaan Taayitaa Daandiwwanii Magaalichaa .
Magaalichatti Misooma Koriidariin walqabatee boo’iin lolaa hedduun ijaaramuu Daayrekterri olaanaan abbaa taayitichaa Injiinar Muddiin Rashaad turtii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii waliin taasisaniin himaniiru.
Haa ta’uutii rooba cimaa tibbana roobe hordofee balaa lolaa mudate ilaalchisee qaamoleen tokko tokko odeeffannoo sirrii hin taane tamsaasaa jiraachuu kaasan.
Tibbana magaalichatti haala kana dura hin baramneen roobni cimaan cabbii makate roobuu hordofee bakkeewwan tokko tokkotti daandiin cufamuu eeran.
Dabalataan ujumoolee fi boo’iwwan lolaa balfoota jajjaboo fi kanneen biroon duuchamuu dubbatan.
Sababa kanaan iddoolee tokko tokkotti lolaan Aspaaltirra bahuu himan.
Gama biroon naannawaa Giyoonitti misooma qarqara lagaa hojjetamaa jiruun walqabatee hidhaan yeroof hojjetame daran guutuun gara alaatti bahuu eeran.
Lolaan balaa uumamaa ta’uu isaan guutummaatti to’achuun rakkisaa akka ta’e dubbachuun misooma koriidariin rakkoolee kanneen waaran furuuf hojiilee hedduun hojjetamuu himan.
Kanaanis boo’iin lolaa Kiiloo Meetirri 200 ijaaramuu ibsan.
Balaa tasa mudatan kanneen ittusuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru kaasan.
Magaalichatti saaxilamummaa akkasii hir’isuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru mirkaneessan.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.