Finfinnee, Ebla 30, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti talaalliin ittisa dhibee Gifiraa torban dhufuu eegalee kan kennamu ta’uu Biiroon Fayyaa Magaalichaa beeksise.
Duulli talaallichaa Caamsaa 6-15, 2017 kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.
Talaallichi daa’imman Umurii baatii 9-hanga waggaa 5 walakkaa miiliyoonaa ta’aniif kan kennamudha jedhameera.
Ogeeyyiin fayyaa kuma 3 fi 400 ol duulicharratti kan hirmaatan ta’uunis eerameera.
Duulichaan talaallii ittisa dhibee gifiraa dabalatee Vaayiitaminoonni biroo ni kennamu jedhameera.
Siifan Mokonniintu gabaase.