Finfinnee, Waxabajjii 2, 2017 (FMC) – Faanaa Miidiyaa Korporeeshin Waajjira Aadaa, Aartii fi Tuurizimii Kutaa Magaalaa Gullalleef deeggarsa meeshaalee muuziqaa garaagaraa taasise.
Deeggarsichi dhaloota ijaaruufi dhaloonni akka itti fayyadamuuf taasifamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Faanaa Miidiyaa Korporeeshin obbo Adooniyaas Walda’aragaay ibsaniiru.
Faanaan hojiilee biyya fayyadan hedduu hojjechaa jiraachuu kaasanii, deeggarsi kunis qaama ergama kanaati jedhan.
Faanaan damee miidiyaanis hojiilee dhaloota fayyadan hojjechaa akka jiruufi deeggarsa akka kanaas cimsee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Gullallee obbo Waldee Wagaseen gamasaaniin, deeggarsa Faanaa Miidiyaa Korporeeshin taasiseef galateeffataniiru.
Deeggarsi taasifames meeshaalee muuziqaa kanneen akka Piyaanoo, Gitaaraa, Kiraaraafi Sagalee guddiftuudha.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.