Finfinnee, Amajjii 14, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan hirmaannaa Fooramii Diinagdee Addunyaa irratti taasisaa jirtuun guddina waaraafi hammataa itti fufsiisuuf deeggartuu tarsiimawaa taatee itti fufuuf kutannoo qabdu agarsiisteetti jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen.
Jilli Itiyoophiyaa obbo Ahimad Shideen durfamu fooramii diinagdee Addunyaa Siwiizarlaandi Daavoositti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.
Obbo Ahimad Shideen waltajjii sirna fayyaa addunyaa fi damichaa faayinaansiin deeggaruu irratti xiyyeeffachuun gaggeeffame irratti muuxannoo Itiyoophiyaa dhiyeessaniiru.
Hojiilee Itiyoophiyaan naannawaa baadiyyaatti waliin ga’iinsa tajaajila fayyaa guddisuuf hubannoo namtolchee fi teeknooloojiiwwan diijitaalaa fayyadamuun hojjechaa jirtu eeraniiru.
Sirna fayyaa fooyyesuuf, misooma ogummaaf akkasumas dhiyeessii bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa irratti tumsa yeroo dheeraa cimsuun fi damicha maallaqaan deeggaruun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.
Dabalataanis waltajjii dhimmoota diinagdee irratti xiyyeeffachuun gaggeeffamerratti diinagdee dhiibbaawwan garaagaraa dandamatu ijaaruuf dhimmoota ijoo ta’an afur irratti ibsa kennaniiru.
Isaanis sirna faayinaansii waaraa, bu’uuraalee misoomaa dhiyeessii humna naannawaa, ce’umsa diijitaalaa tajaajila uummataa itti fufsiisanii fi misooma humna namaafi diinagdee damdaneessaa itti fufsiisuu ta’uu eeran.
Dandeettii raawwachuu danda’uu mootummaa fooyyeessuuf carraa hojii uumuu akkasumas damee diijitaalaan hanqina jiru guutuuf ce’umsi diijitaalaa fi teeknooloojiin ogummaa namtolchee gahee olaanaa qabaachuu hubachiisaniiru.
Obbo Ahimad Shideen fooramichaan cinaatti Biil Geet akkasumas Komishinara Dhimmoota Idil Addunyaa Gamtaa Afrikaa fi hoggantoota dhaabbilee biyyoota garaagaraa waliin marii gamlamee taasisaniiru.
Marii isaaniin, Innooveeshinii Itiyoophiyaa guddisuuf, michummaa cimsuuf fi misooma waaraaf murannoo qabaachuu mirkaneessuu Ministeerichi Faanaa Diijitaaliif ergeera.
Hayilmaariyaam Tagganyiin.
#Oromia #Ethiopia