Fooramiin Biiznasii Afrikaa 9ffaan har’aa eegalee gaggeeffama

Finfinnee, Guraandhala 9, 2018 (FMC) – Fooramiin Biiznasii Afrikaa 9ffaan har’aa eegalee Magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.

Fooramicha Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Diinagdee Afrikaa Komishinii Gamtaa Afrikaa fi qooda fudhattoota biroo waliin kan qopheessaniidha.

Fooramichi mata duree ‘Faayinaansii egeree Afrikaa tumsuu, hojii fi Innooveeshinii ce’umsa itti fufiinsa qabuuf’ jedhuun gaggeeffama.

Fooramiin Biiznasii Afrikaa waltajjii guddaa dhimmoota misoomaa fi guddina diinagdee Afrikaarratti xiyyeeffachuun waggaa waggaan kan gaggeeffamuudha.

Hoggantoonni, abbootiin qabeenyaa, taatoonni damee dhuunfaa fi tumsitoonni misoomaa fooramicharratti ni hirmaatu jedhame.

Waltajjiin guyyoota lamaaf gaggeeffamu kun waadaa gara gochaatti, Piroojektoota diinagdee qabatamaan hojiitti hiikuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsamuu ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment