Fooramiin Dargaggoota Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC)- Fooramiin Dargaggoota Afrikaa 2025 Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Fooramicharratti Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Salamoon Sookaa, Dargaggoonni fi keessummoonni biyyoota Afrikaa garaagaraarraa walitti babba’an 300 olhirmaachuu ibsan.

Dandeettii Dargaggootaa saffiisisuun guddina dhaloota itti aanuuf murteessaadha jedhan.

Itiyoophiyaan hirmaannaa dargaggoonni dameelee garaagaraan qaban guddisuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Dandeettii carraa hojii uumuu dargaggootaa guddisuuf inisheetivoonni adda addaa bocamanii hojiirra oolaa jiraachuus kaasaniiru.

Akka fakkeenyattis leenjii Koodarsiin dargaggoonni ogummaa damee teeknooloojiin qaban akka guddatuuf shoora olaanaa kan bahatu ta’uu kaasaniiru.

Yaadama Ida’amuutiin dargaggoonni hoggansa kennuun, carraa hojii uumuuu fi dameelee biroon hirmaannaa isaanii caalmaatti fooyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbata Misooma Nezerlaanditti Bakka Bu’aan Itiyoophiyaa Juulii Giraahaam gamasaaniin, Dandeetti hundagaleessa dargaggoota guddisuuf tumsaan hojjechuun barbaachisa ta’uu himaniiru.

Dhaabbatichi Dargaggoota Afrikaa Poolisiin, Innooveeshiniin,diinagdee fi hawaasummaan hirmaannaa qaban caalmaatti cimsuuf deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Fooramiin kun guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment