Finfinnee, Onkololeessa 24, 2018 (FMC) – Fooramiin Invastimantii Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa Faransaay Paarisitti gaggeeffamuu eegaleera.
Fooramicharratti Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootwoos, Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee, Gamtaa Awurooppaatti Eeggatan Daayrektera Afrikaa Geezaa Sitiraamar, Ergaman Ministira Daldala Alaa fi Diinagdee Faransaay Niikoolaas Faarsiyari argamaniiru.
Fooramichi tumsa diinagdee Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa giddu jiru cimsuu fi carraawwan invastimantii haaraati fayyadamuun akkaataa danda’amurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Obbo Ahimad Shiideen fooramicharratti fooyyeessii diinagdee gooroo irratti ibsa kennaniin, riifoormichi invastimantii damee dhuunfaa hawwachuu fi walitti hidhamiinsa Itiyoophiyaan diinagdee addunyaa waliin qabdu caalmaatti guddisuu ibsaniiru.
Baniinsa fooramicharratti qondaalli biyyattii haasawaa taasisaniin, tumsi diinagdee Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa giddu jiru guddachaa dhufeera jedhan.
hojiilee Itiyoophiyaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaatti makamuuf hojjechaa jirtus dinqisifataniiru.
Fooramii Invastimantii kana irratti carraawwan Invastimantii Itiyoophiyaan dameelee qonnaa, daldala, anniisaa haaromfamaa, ce’umsa diijitaalaa fi bu’uuraalee misoomaan qabdu dhiyaateera.
Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa tumsa damee daldala, invastimantii fi diinagdeen qaban caalmaatti guddisuuf qaban mirkaneessuuf murannoo qabaachuun fooramicharratti ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.