Fooramiin Magaaloota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Afaaritti gaggeeffama- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Fulbaana 9, 2018 (FMC) – Fooramiin Magaaloota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Afaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti gaggeeffamaa jedhan Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin.

Fooramichaan magaaloonni muuxannoo isaanii kan itti waliif qoodan ta’uu dubbataniiru.

Fooramii Magaalaa Samaraa Loogiyaatti geggeeffamurratti magaaloonni 150 ni hirmaatuun eegama jedhan.

Magaalonni fooramicharratti hirmaatan hanga Fulbaana 30, 2018 galmaa’uun xumuruu akka qaban ibsaniiru.

Magaalonni filannoowwan garaagaraan fooramicharratti dammaqinaan akka hirmaatan Aadde Caaltuun waamicha dhiyeessaniiru.

Fooramichi Sadaaasa 6-10 2018tti kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Salamoon Yittaayyewutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment