Finfinnee, Fulbaana 22, 2018 (FMC) – Fooramiin Misooma Namaa Itiyoophiyaa bara 2025 Galma Yaadannoo Injifannoo Adwaatti eegalameera.
Foormichi guyyoota lamaaf kan ta’u yoo ta’u, mata dureewwan ijaarsa ogummaa, carraa hojii uumuu, akkasuma misoomaa fi guddina ariifachiisuu jedhamanirratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jira.
Misooma Namaa Itiyoophiyaa guddisuuf kan dandeessisan hoggantoota, imaammata baaftoota, ogeeyyii fi tumsitoota idil addunyaa gaaddisa tokko jalatti walitti qabuun kaayyoo fooramichaa ta’uutu eerame.
Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasee Caafoo, Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee, Itiyoophiyaa, Eertiraa, Sudaan Kibbaa fi Sudaanitti daayrektera Baankii Addunyaa Maariyaam Saaliim dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa, Ministiroonni, qooda fudhattoonni idil addunyaa, imammata baaftoonni fi ogeeyyiin damichaa fooramicharratti hirmaachaa jiru.
Iyyoonaad Andu’aalmetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.