Finfinnee, Onkoloolessa 7, 2018(FMC)- Fooramiin Nyaataa Addunyaa Itiyoophiyaa beeksisuuf carraa gaarii uumeera jedhan Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa.
Fooramiin Nyaataa Addunyaa Xaaliyaanii magaalaa Roomitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa kan jiran Dooktar Soofiyaa Kaasaa, fooramicharratti bakka buutonni biyyoota garaagaraa hojii Itiyoophiyaan damee qonnaa irratti hojjechaa jirtuuf beekamtii kennuu ibsaniiru.
Invastaroota Itiyoophiyaatti damee qonnaa irratti hirmaachuu barbaadan waliin mari’atamuu kaasanii, invastaroonni kunneen hojiilee mekaanaayizeeshinii, misooma midhaaniifi faayinaansii qonnaa irratti bobba’uuf fedhii argamsiisuu eeraniiru.
Qabeenyi kuufamaa bishaanii, biyyeefi qabeenyi qilleensaa Itiyoophiyaan qabdu invastaroonni damee qonnaa irratti akka bobba’aniif kaka’umsa uumuu ibsaniiru.
Ijaarsi warshaa xaa’oo kaka’umsa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin eegalame invastaroota damee qonnaa irratti hirmaataniif carraa gaarii akka uumu fooramicharratti ibsuun danda’ameera jedhan.
Itiyoophiyaan hojiilee eegalte cimsitee akka itti fuftuufi caalmaatti bu’aa olaanaa fiduuf dadammaqiinsa uumuus ibsaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.