Finfinnee, Onkololeessa 15, 2019 (FMC) – Guyyoota darbaniif taa’amaa kan ture Fooramiin Xaanaa 12ffaan kallattii yeroo itti aanuu kaa’uun xumurameera.
Fooramiin Xaanaa 12ffaan mata duree “Daandilee Nageenyaa Afrikaatti, Birmadummaa Diinagdee fi Ce’umsa qubsuma Siyaasaa” jedhuun Magaalaa Bahiirdaaritti gaggeeffamaa ture.
Hoggantoonni biyyoota Afrikaa, imaammata baaftoonnii fi hayyoonni biyyoota Afrikaa qormaatilee ardichaa fi furmaata isaarratti bal’inaan mari’ataa turaniiru.
Waltajjichi kallattii nageenya waaraa, diinagdee cimaa, ce’umsa qubsama siyaasaa fiduu danda’u kaa’uun xumurameera.
Dassaalenyi Biraarraatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa