Finfinnee, Adoolessa 15, 2017(FMC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen fooyya’iinsa diinagdee gooroo hojiirra oole waaressuufi hirmaachisaa taasisuuf hirmaannaan damee dhuunfaa guddachuu akka qabu hubachiisan.
Yaa’iin Faayinaansii Itioyoophiyaa gaggeeffamaa jira.
Yaa’ichi tumsa damee dhuunfaafi mootummaa cimsuuf, kallattii imaammataarratti hubannoo cimsuufi carraalee invastimantii sakatta’uuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.
Obbo Ahimad Shideen yaa’icharratti akka jedhanitti, jijjiirama qabatamaa fooyya’iinsi diinagdee gooroo damee faayinaansii irratti fide itti fufsiisuuf gaheen damee dhuunfaa barbaachisaadha.
Hirmaachisummaan damee faayinaansii, dhiyeessiin liqii fooyya’uuniifi riifoormiin invastimantii hojiilee gama kanaan hojjetaman ta’uu eeraniiru.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuu gamasaaniin, fooyya’iinsi diinagdee gooroo tasgabbaa’aan akka jiraatuuf sochiin mootummaan taasisu qofti gahaa akka hin taane ibsaniiru.
Dameewwan faayinaansii, qonnaa, indaastiriifi kanneen biroorratti hirmaannaan dameen dhuunfaa taasisu diinagdee waaraafi amansiisaa ijaaruuf shoora olaanaa qabaachuus himaniiru.
Miikiyaas Alamuutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.