Fooyya’iinsi diinagdee gooroo yeroo gabaabaa keessatti bu’aa abdachiisaa galmeesseera- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Caamsaa 7, 2017(FMC) – Fooyya’iinsi diinagdee gooroo hojiirra oole yeroo gabaabaa keessatti bu’aa abdachiisaa galmeessuu Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.

Fooramiin Faayinaansii Itiyoophiyaa guyyaa har’aa gaggeeffamuu eegaleera.

Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, fooyya’iinsi diinagdee gooroo yeroo gabaabaa keessatti bu’aa jajjabeessaa galmeessuu dubbataniiru.

Dameen faayinaansii biyyattii waggoottaniif guddina barbaadamu osoo hin galmeessiin turuu yaadachiisuun, qormaatilee damicha mudatan furuun sirna hammataafi ammayyaa uumuuf fooyya’iinsi diinagdee gooroo hojiirra ooluu eeraniiru.

Yeroo itti aanuttis damee faayinaansii biyyattii gara diijitaalaatti ceesisuuf hojjetamuu akka qabu kaasaniiru.

Fooramiin kun rakkoolee damee faayinaansii hambisuuf, gaaffii damee dhuunfaa gara waltajjiitti baasuufi rakkooleef yaadota furmaataa walitti qabuuf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Fooramicharratti Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuu dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon, Pireezidaantonni Baankotaafi keessummoonni biroon hirmaachaa jiru.

Qaala’aab Girmaatu gabaase.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment