Finfinnee, Amajjii 5, 2018 (FMC) – Fooyya’iinsi diinagdee Itiyoophiyaa abbootii qabeenyaa alaaf naannawaa invastimantii mijataa uumeera jedhan Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Gofeen.
Fooramiin daldalaa Itiyoo-Jaappaan guyyaa har’aa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.
Dooktar Kaasaahun Gofee wayita kana fooyya’iinsi diinagdee Itiyoophiyaa dameewwan oomishaa, geejjibaafi loojistiksii, qonnaa, albuudaa, tajaajilaafi kanneen biroo keessatti carraawwan invastimantii mijataa ta’an uumeera jedhan.
Fooyya’iinsi taasifame abbootii qabeenyaa alaaf naannawaa invastimantii mijataa uumuurra darbee Itiyoophiyaa bakka gahumsa invastimantiin adda duree taasisaa akka jiru eeraniiru.
Waliigalteewwan naannawaa daldala bilisaa Afrikaa dabalatee waliigalteewwan daldalaa naannawaafi idil addunyaa biroo hojiirra oolchuun yaa’iinsa daldalaafi invastimantii akka saffisuu gochuun abbootii qabeenyaa alaaf walitti hidhamiinsa gabaa guddaa uuma jedhan.
Itiyoophiyaan tattaaffii miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf gootuun Jaappaan waliin waliigaltee daldalaa gamlamee mallatteessuu yaadachiisuun, waliigalticha ariitiin gara hojiitti hiikuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Abbootii qabeenyaa Jaappaan dameewwan garaagaraarratti bobba’uu barbaadaniif mootummaan deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Jaappaan Kuuniimiitisuu Ayyaanoo gama isaaniin, Jaappaan hariiroo daldalaafi invastimantii biyyoota lameenii cimsuuf jila miseensota 50 ol qabu erguu ibsaniiru.
Naannawaa invastimantii mijataa fooyya’iinsa diinagdee Itiyoophiyaa hordofee uumameen abbootiin qabeenyaa Jaappaan hedduun invastimantiin dameewwan garaagaraa keessatti bobba’uuf fedhii qabu jedhan.
Abbootii qabeenyaa hojiilee invastimantii Itiyoophiyaa keessatti hirmaachuu barbaadaniif mootummaan isaanii deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu kaasanii, miseensonni daldalaa biyyoota lameenii walitti hidhamiinsa invastimantii waloo uumuun hariiroo biyyoota lameenii akka jabeessan gaafataniiru.
Masaafint Birilleen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.