Finfinnee, Amajjii 27, 2018 (FMC) – Fooyya’iinsi diinagdee Itiyoophiyaa naannawaa daldalaa mijataa uumeera jedhan Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofeen.
Agarsiisni daldalaa idil-addunyaa Itiyoo-Chaamber 15ffaan mata duree “ Kan Itiyoophiyaa bitaa, Itiyoophiyaatti invast godhaa” jedhuun magaalaa Finfinneetti banameera.
Dooktar Kaasaahun Goofee wayita kana agarsiisni daldalaa akka kanaa daldala al-ergii guddisuufi oomishaalee Itiyoophiyaa gabaa addunyaarratti dhiyeessuuf qooda olaanaa qaba jedhan.
Dabalataanis immaammatawwan daldalaa gara hojiitti hiikuufi daldaltoota, shammattootaa fi invastaroota walitti fiduuf carraa gaarii akka uumu dubbatan.
Fooyya’iinsi diinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu bu’aalee hedduu argamsiisaa jiraachuu kaasanii, baatiiwwan jahan darbanitti daldala al-ergiirraa galiin Doolaarri biiliyoonni 5.1 argamuu yaadachiisan.
Fooyya’iinsi kun hawaasa daldalaa biyya keessaafi alaaf naannawaa daldalaa mijataa uumuu ibsaniiru.
Mootummaan daldalaafi invastimantii deeggaruuf kutannoo qabaachuu kaasanii, keessumaa intarpiraayizoota xixiqqaafi giddugaleessaa gahoomsuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Pirezidaantiin Mana Maree Daldalaafi Sekteraalee Itiyoophiyaa Sabsib Abbaafiraa gama isaaniin, Manni Marichaa dameen dhuunfaa diinagdee biyyaa keessatti qooda isaa haalaan akka bahatuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.
Agarsiisni kun invastimantiin akka babal’atu, oomishtootaaf carraa gabaa uumuufi oomishtoota biyya keessaafi alaa gidduutti muuxannoo waljijjiiruuf kan gargaaru ta’uus kaasaniiru.
Agarsiisni daldalaa kun guyyoota shaniif kan gaggeeffamu ta’uunis ibsameera.
Hayilamaariyaam Taganyiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.