Finfinnee, Adoolessa 26, 2017(FMC) – Fooyya’iinsi dingdee gooroo hojiirra oole guddina damee albuudaatiif akka kaka’umsaatti tajaajileera jedhe Ministeerri Albuudaa.
Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyi akka jedhanitti, bara baajataa 2017tti dameen albuudaa bu’aa olaanaa fi jajjabeessaa galmeessiseera.
Fooyya’iinsi dinagdee biyya keessaan haala guutuu ta’een Itiyoophiyaan hojiirra kan oolchite Fooyya’iinsi Dinagdee Gooroo gumaacha guddaa akka qabuu dha kan dubbatan.
Sharafa alaa oomisha warqee irraa argamu dabalatee guddinaaf kaka’umsa ta’ee tajaajileera jedhan.
Haaromsi dinagdee maakroo al-ergii qofa osoo hin taane oomishaalee bakka bu’ummaa jajjabeessuun milkaa’uu isaa hubachiisaniiru.
Milkaa’inni Itiyoophiyaan damee kanarratti argatte tumsaafi qindoomina qooda fudhattoota damichaa waliin taasifteen akka ta’e yaadachiisaniiru.
Ityoophiyaan dhagaa boba’aa biyya alaa irraa galchuuf hanga doolaara miiliyoona 300 akka barbaaddu, hanqina dhiyeessii dhagaa boba’aa irraa kan ka’e simintoo oomishanii gabaaf dhiyeessuun rakkisaa ta’uu ibsaniiru.
Haa ta’u malee, bara 2017tti warshaalee dhagaa dhiqan afur eebbisuun oomisha’ simintoo dabaluu fi gatii isaa hir’isuu danda’uu himan.
Itiyoophiyaan yeroo dhiyootti oomisha gaazii marsaa jalqabaa akka eegaltu eeruun, dameen albuudaa fayyadamummaa diinagdeetiif ooluu ibsaniiru.
Biyyattiin boba’aa qamadii dabalatee qabeenya albuudaa hin hojiira hinoolin akka qabduu fi qabeenyi kun fayyadamummaa biyyattiif oolu akka qabu hubachiisaniiru.
Xaa’oon biyyee Itoophiyaaf dhimma jiraachuu akka ta’e, lafti qonnaa bal’aa fi gabbataa biyya keenyaa sirnaan itti fayyadamuu akka qabu ministirichi ibsaniiru.
Ityoophiyaaf gaazii baasuun gurgurtaa qofa osoo hin taane xaa’oo biyyee bal’inaan kan fayyadu yuuriyaa oomishuuf dandeettii akka uumu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.