Finfinnee, Hagayya 12, 2017(FMC)- Konfedereeshiniin Waldaalee Hojjettootaa Itiyoophiyaa fooyya’iinsi miindaa dhiibbaa jireenyaa hojjetaa mootummaa salphisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhe.
Akka Pireezidaantiin Konfedereeshinichaa obbo Kaasaahuun Foolloo jedhanitti, deebii mootummaan haala diinagdee hojjettoota mootummaa qorachuun kenne kan dinqisiifatamudha.
Fooyya’iinsi miindaa hojjettoota mootummaa bara 2018 irraa eegaluun hojiirra oolchuuf karoorfame hojjettoota mootummaa galii dhaabbiin jiraataniif hanga ta’e boqonnaa kan kennuuf ta’uu ibsaniiru.
Fooyya’iinsi kun dhiibbaa jireenyaa miindeffamtoota miindaa gadi aanaan qacaramanii salphisuuf shoora olaanaa qabaachuus kaasaniiru.
Mootummaan miindaa fooyyessuurra darbee hangi miindaa hojjettoota mootummaa inni gadi aanaan Birrii kuma 6 akka ta’u murteessuun bu’aa qabeessummaa gaaffii hojjettoonniifi konfedereeshinichi barootaaf gaafachaa turanii kan agarsiisudha jedhan.
Fooyya’iinsi miindaa kun kaayyoo qabameefirra akka ooluuf sirna daldalaa sadarkaan jirurratti to’annoo cimaan godhamuu akka qabu eeraniiru.
Kutannoo mootummaan miindaa fooyyessuun argisiise dhaabbileen dhuunfaas hordofuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Mooliittoo Eeliyaastu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.