Finfinnee, Amajjii 14, 2018 (FMC) – Fooyya’iinsi sirna bulchiinsa taaksii sassaabbii galii magaalichaa irratti iftoomina uumeera jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Waltajjiin waljijjiirraa muuxannoo kantiibonni magaalota Afrikaafi qooda fudhattoonni biroon irratti hirmaatan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Diinagdee Afrikaa raawwii bulchiinsa faayinaansii irratti qorannoo magaalota Afrikaa jaha irratti gaggeesseen Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee raawwii fooyya’aa galmeesseera.
Kantiibaa Adaanech Abeebeen wayita kana magaalichatti waggoottan darban sassaabbii galii guddisuun fooyya’iinsi olaanaan argameera jedhan.
Kunis magaalonni Afrikaa biroon fooyya’iinsa diijitaalaafi kalaqawwan haaraan dirree faayinaansii bal’isuu akka danda’an kan agarsiisu ta’uu ibsan.
Magaalichatti rakkoolee guddina lakkoofsa uummataa, fedhii tajaajilaa olaanaa fi qabeenya qilleensaan walqabatan furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jirus eeraniiru.
Ce’umsi magaalotaa sirna faayinaansii damee hedduu fi kutannoo siyaasaan ala milkaa’uu akka hin dandeenye hubachuun waggoottan darbanitti hojiilee gurguddoon hojjetamuu yaadachiisaniiru.
Sirna bulchiinsa taaksii jijjiiruuf hojiileen riifoormii hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Kunis tilmaama gibiraa ammayyeessuu, kenniinsa eeyyama daldalaa karaa elektirooniksiin gaggeeffamu cimsuu, galmee kaffaltoota gibiraa fooyyessuufi sassaabbii galii irratti iftoominniifi itti gaafatamummaan akka cimu taasisuu ibsaniiru.
Andu’aalam Tasfaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.