Fooyyeessi diinagdee taasifame Abbootiin qabeenyaa Hindii Itiyoophiyaatti hojjechuuf fedhii qaban guddise

Finfinnee, Adoolessa 6, 2017 (FMC) – Fooyyeessi diinagdee taasifame Abbootiin qabeenyaa Hindii fedhii Itiyoophiyaatti hojjechuuf qaban guddise jedhan Itiyoophiyaatti Ambaassaddarri Hindii Aniil Kumar Raay.

Fooyyessichi hirmaannaan Abbootii qabeenyaa Hindii akka dabalu haala mijataa uumera jedhan.

Tumsa diinagdee biyyoota lamaanii caalmatti guddisuu  eeran.

Sharafni alaa gabaan akka murtaa taasifamuu fi labsiin lammiileen alaa abbaa qabeenya hin sochoone akka horatan ragga’uun hirmaannaa abbootii qabeenyaa guddisuuf tarkaanfii guddaa akka ta’e himan.

Abbootiin qabeenyaa Hindii dameewwan Qonnaa, Albuudaa, Teeknooloojii odeeffannoo, Indaastirii, baankii fi faayinaansii irratti baay’inaan hojjechuuf fedhii qabaachuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia#Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment