Fooyyeessiin diinagdee gooroon taasifame cabiinsa diinagdee tasgabbesse- Dooktar Abiy

Finfinnee, Amajjii 26, 2018 (FMC)- Fooyyeessiin diinagdee gooroon taasifame cabiinsa diinagdee tasgabbesseera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffilee miseensoota Mana Mareerraa ka’aniif ibsaafi deebii kennaa jiru.

Dooktar Abiy Ahimad ibsa isaaniin, kaayyoo Fooyyeessii diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa keessa inni 1ffaa fi olaanaan cabiinsa diinagdee tasgabbeessuudha jedhan.

2ffaan kallattii diinagdee biyyattii qonna qofarraa ture kallattii garaagaratti ceesisuun guddina qulqullina qabuu galmeessuu akka ta’ees eeran.

inni 3ffaan dhiibbaa idaa biyyattii salphisuu akka ta’ee dubbataniiru.

Haaluma kanaan maadallii kamiinuu seenaan biyyattii bu’aa diinagdee olaanaan bara itti galma’eedha jedhan.

Fooyya’iinsi diinagdee gooroo guddina biyyaaleessarraa darbe abdi fuulduraa Gaanfa Afrikaa kan jijjiiru ta’uu Dooktar Abiy ibsaniiru.

Fooyya’iinsichi bu’aa har’a argameen qofa osoo hin taane guddina diinagdee maadaluu akka qabu hubachiisaniiru.

Tsahaay Gulummaatiin.

Comments (0)
Add Comment