Finfinnee, Amajjii 6, 2018 (FMC) – Fooyyessi Diinagdee Gooroo daldala Qinxaaboo babal’isuu fi abbootii qabeenyaa alaa hawwachuuf carraa uume jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen.
Miidrook Invastimanti Giruuppii jalatti kan argamu Suuppar Maarkettiin Kuwiinsi moggaasa daldalaa isaa hojmaata guutuu qooduu fi waliigaltee tumsa dhiyeessii Dhaabbata Daldala Qinxaaboo Idil Addunyaa Kaarifoorii waliin mallatteesseera.
Fooyyessi Diinagdee Gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchite bu’aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu ibsan saganticharratti kan argaman Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen.
Fooyyessichi Daldala Qinxaaboo gabaa alaaf banaa taasisuu himuun, kana hordofee dhaabbileen alaa gara Itiyoophiyaa dhufaa jiru jedhan.
Itiyoophiyaatti hojmaanni Daldala Qinxaaboo ammayyeessuuf dandeessisu diriiruu dubbachuun, kanaafis Dhaabbanni Kaarifoorii Faransaay agarsiiftuu ta’uu eeran.
Waliigalteen dhaabbileen lamaan taasisan oomishaalee Itiyoophiyaa gabaa addunyaarratti beeksisuuf carraa kan banu ta’uu ibsan.
Akkaataa waliigaltichaan dameewwan kuusaa Kuwiinsi 13 gara Biraandii Kaarifooriitti kan jijjiirraman yoo ta’u, kunis walakkeessa bara Faranjootaa 2026 hojiirra oola jedhame.
Giruuppiin Kaarifoorii biyyoota 40 keessatti Kuusaa kan qabu yoo ta’u, akka addunyaatti kuusaawwan kuma 15 ol qaba.
Bara Faranjootaa 2024 galii Yuuroo biiliyoona 94.6 kan galmeesse dhaabbata jabaadha.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.