Finfinnee, Caamsaa 30, 2017(FMC) – Fooyyessi Diinagdee Gooroo qophii gahaan hojiirra ooluun isaa damee hundaan bu’aa qabatamaa galmeesseera jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.
Fooyyessi Diinagdee Gooroo Guutuun hojjirra oole guddina diingadee waaraa galmeessuuf kan dandeessisu adeemsa jajjabeessarratti argama jedhan obbo Ahimad Shiideen raawwii fooyyessichaa ilaalchisee ibsa kennaniin.
Sharafni alaa gabaan akka murtaa’u, imaammanni haaraan maallaqaa hojiirra ooluun, akkasumas fooyyessi seeraa Invastimantii jajjabeessan hojiitti hiikkamuun bu’aa olaanaa galmeessuu eeran.
Sharafni alaa bifa tasgabbii qabuun itti fufuu fi guddina olaanaa argamasiisuu himan.
Itiyoophiyaan daldala alaan guddina olaanaa galmeessuun bu’uu fooyyessichaati jedhan.
Diinagdeen Itiyoophiyaa bara baajataa kana % 8.4 guddina ni galmeessan eegama kan jedhan obbo Ahimad Shiideen, galii olaanaan argamuu fi qaala’iinsi gatii akka gadi hir’atu taasiiseera jechuun himan.
Raawwiin dhaabbilee misoomaa mootummaan kanneen akka Daandii Qilleensaa, Itiyoo Teeleekoomii, Baankii Daldalaa fi kanneen biroo saffisaan guddachaa jira jedhan.
Waliigalaan milkaa’inoota fooyyessii Diinagdee Gooroon argame caalmaatti itti fufsiisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jedhan ibsa isaaniin.