Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC)- Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa gaaffii abbootii qabeenyaaf saffisaan deebii kennuun yaa’iinsa invastimantii dabaleerajedhe.
Komishinarri Komishinichaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen, gaaffiiwwan deebii argatan keessaa paarkiiwwan indaastirii 14 gara zoonii diinagdee addaatti jijjiiramuun tokko jedhan.
Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa xumuramuun gaaffiiwwan dhiyeessii humnaan walqabatanii ka’aa turan deebisuus eeran.
Gaaffiiwwan sharafa alaan waliin walqabatanii ka’aa turan fooyya’iinsi diinagdee taasifame deebisuu dubbataniiru.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gahumsa isaa babal’isuun dhaabbileen oomishaalee isaanii karaa salphaan biyyoota garaagaraatti akka erganiifi yaa’iinsa invastimantii irratti qooda olaanaa bahachuu ibsan.
Fooyya’iinsa damechaarratti taasifameen bara faranjootaa 2024/25’tti invastimantiin Doolaarri biiliyoonni 4 ol galmaa’uu mirkaneessaniiru.
Invastimantiin daran akka babal’atuuf komishinichi hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.