Gaaffii hawaas-dinagdee dargaggoota magaalaa Shaggar hiikuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 5, 2017 (FMC) – Gaaffii hawaas-dinagdee dargaggoota magaalaa Shaggar hiikuuf hojjetamaa jira jedhe bulchiinsi Magaalaa Shaggar.

Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti ijaarsi Istaadiyeemii xiqqaa eegalchiifame.

Magaalaa yaadama magaalota 21ffaa guuttee fi giddu-gala tuurizimii taate ijaaruuf giddu-galli Ispoortii murteessaadha jedhan Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan.

Shaggari Ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun hojii hojjetaa jiruun giddu-galli dargaggootaa kutaa magaalaa Gafarsaa Gujeetti akkasumas Istaadiyeemiin sadarkaa isaa eeggate kutaa magaalaa Sulutaatti ijaaramuu himan.

Istaadiyeemii xiqqaan guyyaa har’aa kutaa magaalaa Malkaa Noonnootti deeggarsa abbaa qabeenyaa obbo Yooseef Misgaanaatiin ijaaramuuf eegalchiifame galma Shaggariin giddu-gala tuurizimii Ispoortii taasisuuf qabame milkeessuu keessatti gumaacha olaanaa qaba jedhan

Itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Shaggar obbo Naasir Huseen gama isaaniin, magaalaan Shaggar hundeeffama isaa waggaa muraasa keessatti dagaagina ispoortii xiyyeeffannoo kennee sochii ispoortii gama hundaan cimsuun Ispoortessitoota magaalaa Shaggariin bakka bu’uun sadarkaa Naannoo, biyyaa fi addunyaatti maqaa magaalichaa olkaasanii fi beeksisan hedduu horachuun kan danda’ame tahuu ibsan.

Sadarkaa kutaalee magaalaa fi Aanaaleetti lafti hektaarri tokko tokko qophaa’uun bakki oolmaa dargaggootaa, dirreen Ispoortii fi kanneen biroo akka ijaaramuuf kallattii kaa’ameen guyyaa har’aa Istaadiyeemii xiqqaan sadarkaa isaa eeggate deeggarsa abbaa qabeenyaa Yooseef Misgaanaatiin ijaaramu kan eegale tahuu obbo Naasir Huseen Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Gaaffii hawaas-dinagdee dargaggoota Kutaa Magaalichaa hiikuufis Birrii miiliyoona 35n ijaarsi Istaadiyeemii xiqqaa tajaajilawwan garaa garaa of keessatti haammatee fi ji’a sadii keessatti ijaaramee xumuramu eegalchiifamuu Bulchaan Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo obbo Mariid Dimmiruu himaniiru.

Aanaalee kutaa magaalichaa sadan jiran keessattis giddu-galli ispoortii ijaaramuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eeran.

Sirna eegalchiisa Istaadiyeemii kanarratti Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar obbo Alamaayyoo Tulluu dabalatee hoggansi magaalaa fi kutaa magaalichaa akkasumas dargaggootni argamaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment