Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa deebii akka argatu tattaaffii cimaatu barbaachisa – Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Raashiyaa

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2017 (FMC) – Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa deebii akka argatu tattaaffii cimaatu barbaachisa jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Evigeenii Tarkiihiin.

Diinagdee biyyattii guddachaa jiruuf karri galaanaa daran barbaachisaa ta’uu Ambaasaaddar Evigeeniin Faanaa Miidiyaa Koorporeeshintti himaniiru.

Diinagdeen Itiyoophiyaa guddachaa jiraachuu dhaabbileen Idil Addunyaa ragaa bahaa jiraachuu fi bu’aa mul’atuudhas jedhan.

Bu’aa galmaa’aa jiru caalmaatti guddisuu fi nageenya ishee kabachiisuuf gaaffiin karra galaanaa deebii akka argatu tattaaffiin waloo murteessaa ta’uu kaasan.

Hariiroon Raashiyaa fi Itiyoophiyaa dameewwan garaagaraan guddachaa dhufuu himuun, tumsi dameewwan barnootaa, Diinagdee, Teeknooloojii fi saayinsii Niwukalarii agarsiiftuu ta’uu dubbatan.

Ashaannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment