Gaaffiin mirgaa ogeeyyii yaala fayyaa qaamolee siyaasaan butamuun sirrii miti – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2017 (FMC) – Gaaffiin mirgaa ogeeyyii yaala fayyaa daldaltoota siyaasaan butamuun sirrii miti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka bu’oota ogeeyyii yaala fayyaa guutuu biyyattiirraa walitti babba’an waliin mari’ataniiru.

Rakkoolee damee fayyaa furuuf daandii nagaa yoo hin hordofne rakkichi caalmaatti cima malee furmaanni waaraa argamu hin jiru jedhan.

Gaaffin mindaa, faayidaalee, mana jireenyaa fi kanneen biroo ogeeyyiin yaala fayyaa qaamolee biroon butamuu eeran.

Gaaffiin ka’e sirrii ta’ee osoo jiruu namoonni dhimmicha sirnaan hin beekne ajandaa dhuunfa isaanii godhachuun kallattiirraa akka maqu taasiseera jedhan.

Gaaffiin ogeeyyii yaala fayyaa miiraan osoo hin taane sababaawaa fi karaa seeraan ta’uu akka qabu hubachiisan.

Gaaffiilee ogeeyyii yaala fayyaa kanneen furuuf mootummaan xiyyeeffannoon akka hojjetu ibsaniiru.

Siifan Magarsaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment