Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhaloota kanaan deebi’a – Jeneraal Yimar Makonniin

Finfinnee, Bitootessa 1, 2018 (FMC) – Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhaloota kanaan deebi’a jedhen Raayyaa Ittisaatti Itti Gaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Barnootaa fi Leenjii Jeneraal Yimar Makonniin.

Waldaan Raayyaa Ittisaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa marii Galaana Diimaarratti xiyyeeffate gaggeesseera.

Galaanni Diimaa fi Itiyoophiyaan uumamaan kan walitti hidhaman ta’uu dubbatan Jeneraal Yimar Makonniin haasawa maricharratti taasisaniin

Seenanis Galaanni Diimaan Gaachana Ittisa weerartoota alaa, sarara daldalaa fi walqunnamtitii Itiyoophiyaa ta’uu eeran.

Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuun faayidaa biyyaalessaa ishee mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu dubbatan.

Gaaffiin birmadummaa Itiyoophiyaan dhiyeessite madda walitti bu’iinsaa osoo hin taane fayyadamummaa waloo fi walitti hidhamiinsa naannawaa kan mirkaneessu ta’uu eeran.

Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa kunis dhaloota kanaan deebi’a jechuun ibsan.

Maraa’ol Kadiriin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment