Finfinnee, Adoolessa 22, 2017 (FMC) –Mahaandisa qorannoo Gaazexeessummaa jedhamuun kan beekamu Gaazexeessaa Birhaanuu Waldasamayaat dhibee isa mudateef waamichi deeggarsaa dhiyaate.
Haala Gaazexeessichi yeroo ammaa irratti argamu ilaalchisee koreen galii walitti qabu ibsa kenneera.
Gaazexeessaa Birhaanuu Waldasamayaat Gaazexeessaa cimaa rakkoo bulchiinsa gaarii fi hojmaata badaa saaxiluurratti qabsoo jabaa gaggeessaa tureedha.
Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii dabalatee dhaabbilee Miidiyaa addaa keessatti ogummaa isaan ummata isaa amanamummaan tajaajileera.
Kaleen isaa lamaanuu hojii dhaabuu hordofee yaalli hatatamaa kan barbaachisu ta’uu korichi ibseera.
Yeroo ammaas Hospitaala Ameenitti yaalarratti argama.
Biyya alaa deemuun yaalamuu akka qabu kan himame yoo ta’u , yaalichaaf Doolaarri kumni 50 ol kan barbaachisu ta’uutu ibsame.
Lubbuu Gaazexeessaa Gameessa kanaa baraaruuf waamichi lubbuu baraaruu dhiyaateera.
Saaraa Siyyumtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.